Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsi Birrii Miiliyoona 10 taasiifame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Hojjetoonni Ejensii Dhiyeessa Qorichaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii Miiliyoona 10 taasisan.
Ministirri Deetaa Ministeera Fayyaa Aadde Alemtsahaay Phaawuloosii fi Daayreektarri olaanaa Ejensichaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloon deeggarsicha Raayyaa Ittisa Biyyaaf laataniru.
Ejensichi bakka Raayyaan Ittisa Biyyaa jiru hundatti meeshaalee galteewwan fayyaa ta’an dhiyeessaa kan jiru ta’uu fi kan gochuun isaa itti gaafatamummaa fi dirqama irraa eegamu ta’uu Dooktar Abdulqaadir himaniiru.
Deeggarsi ejensichi biyaafis ta’e Raayyaan Ittisa Biyyaaf taasisaa jiru olaanaa ta’uu walitti qabaan koree sassaabbii deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Asres Ayyaalew ibsuu ragaan Ejensii Dhiyeessa Qorichaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.