Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa Ittisa deeggaruun egeree biyyaa eegsisuu fi birmadummaa biyyaa deeggaruudha-Dooktar Abirahaam Balaay

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun egeree biyyaa eegsisuu fi birmadummaa biyyaa deeggaruudha jedhan Ministirri Ministeeraa Raayyaa Ittisaa Dooktar Abirahaam Balaay.

Dookta Abrahaam gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, raayyaan ittisaa ofiisaan biyya ta’uu kaasanii, raayyaa deeggaruun ammoo birmadummaa biyyaa deeggaruu akka ta’e himaniiru.

Raayyaan sabummaan, amantii fi amantaa isaa Itiyoophiyaa fi ummata ishee akka ta’e ibsaniiru.

Kanaaf yeroo ammaa ilaalchaa sanyummaa, gandummaa keessaa ba’uun gootota ejjennoo isaanii utuu hinraafamin qabsaa’uun fakkeenya ta’aniif Raayyaan Ittisaa beekkamtii kenneera jedhan.

Beekkamtiin kunis kan biyyi kennite ta’uu ibsuun kanneen beekkamtichi kennameef ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Fageessanii yaaduu fi arguun akkasumas kaayyoof cichuun bu’aan isa sadarkaa olaanaarraa kan ga’u ta’uu dubbatanii dagaaginaa ummataa fi biyyaaf hunduu akka tattaafatu ergaa dabarsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.