Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa Ittisaa keessatti dandeettii cimaan ijaarrameera – Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabalee

Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Raayyaa Ittisaa keessatti dandeettii cimaan ijaarramuu Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsan.
Work Shooppiin fooyya’iinsa Kaarkulamii Raayyaa Ittisaa gaggeeffameera.
Kaarkulamichi dandeettii Tarsiimoo hoggansa Humna Lafaraa, Humna Qilleensarraa, Galaanaa fi Nageenya Saayibarii kan guddisu ta’uu ibsamera.
Kaarkulamicharratti yaadaa fi qajeelfama hojii kan laatan Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen hojiileen jijjiirramaa fidanii fi ga’umsa dabalan jajjabeeffamuu qabu jedhan.
Hunda caalaa Kaarkulamichi beekkumsa keenyaan hojjetamuun dandeettiin Raayyaa Ittisaa keessa jiru cimaa ta’uu kan agarsiisuudha jedhaniiru.
Riifoormiin Barnootaa fi Leenjii hoggansa gadi aanaa hanga hoggansa olaanaatti xiyyeeffaannoon hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.
Fooyya’iinsi Kaarkulamichaa haala dandeettii Tarsiimoo hoggansa Humna Lafaraa, Humna Qilleensarraa, Galaanaa fi Nageenya Saayibarii guddisuu danda’uun qophaa’uu Ajajee Olaanaan Humna Qilleensaa Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaan dubbachuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.