Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo daandii Qarree Go’aa – Dajan waaraan furuuf qorannaan taasifamaa jira

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Rakkoo daandii Qarree Go’aa – Dajan waaraan furuuf qorannaan gaggeeffamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa beeksise.

Haala teessuma lafaarraa kan ka’e daandichi sigigoodhan miidhamuun taatee ta’uun barameera.

Daandichi magaalaa Finfinneedhaa kaasee gammoojjii Abbayyaa keessa qaxxaamuruun magaalota jajjaboo naannoo Amaaraa walqunnamsiisa.

Abbaan taayitichaa rakkoo mudatu hiikuuf suphaa taasisus, furmaata waaraa kan barbaadu ta’uu garuu qorannoodhan itrra ga’uu beeksiseera.

Rakkinicha waaraan furuuf ogeeyyiin Jaappaan naannichatti bobba’anii qorannaa taasisaa jiru.

Bu’aan qorannichaa akkuma ifoomen, furmaanni waaraan kan laatamu ta’as jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.