Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo Ityoophiyaa gidduseentummaa alaan hiikuun hin danda’amu – Dippiloomaatoota

Finfinnee, Sadaasa 7, 2014 (FBC) – Rakkoo Ityoophiyaa giddugaltummaa alaan hiikuun kan hin danda’amne ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddaroonnii Ameerikaa duraani Tiiboor Naazhi fi Ambaasaaddar Doonaald Buut ibsaniiru.
Rakkoo biyyattiif furmaanni biyya keessaa ta’uu akka qabu Ambaasaaddaroonni kunneen eeraniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa waldanda’uun tokkummaa fi nageenyaan haala waliin jiraachuu danda’an barbaaduu akka qaban ibsaniiru.
Hawaasni addunyaa Ityoophiyaanoonni rakkoo isaanii ofiin akka furatan haala mijeessuu qabu jedhan Ambaasaaddaroonni duraanii kunneen.
Lammiileen Ityoophiyaa humnoota alaaf harka kan hin laanne ta’uu hubatamuu akka qabu kaasaniiru.
Sirni Federaalizimii hojiirra oolaa ture rakkoo yeroo ammaa biyyattii muudateef bu’uura ta’uu Dippiloomaatoonni kunneen eeraniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii fooyya’iinsi siyaasaa taasiisan seenaa Ityoophiyaa keessatti iddoo olaanaa kan qabu ta’uu Ambaasaaddaroonni kunneen himaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan rakkoo yeroo ammaa biyyattiitti muudateef qooda qabaachuu kaasaniiru.
Rakkoo Ityoophiyaa muudate hundeerraa furuuf Ityoophiyaanoonni gadi taa’anii waliin mari’achuu qabu jechuun eeraniiru.
Hawaasni idil addunyaa Ityoophiyaan akkana ta’uu qabdi jechuun kallattii qopheessurra, ummatichi garaagartee jiru ofiin akka furatu haala mijeessuu akka qaban Dippiloomaatoonni lameen turtii sagalee Ameerikaa Kaarool Kaastiiyoo waliin taasiisaniin hubachiisaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.