Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo yeroo ammaa biyya muudate ce’uuf hawaasni Musiliimaa fi Kiristiyaanaa tokkummaa fi waliin jireenya baroota dheeraaf gabbifataniin gumacha olaanaa taasisuu qabu – Muftii Hajii Umar Idiriis

Finfinnee, Eebila 23, 2014 (FBC) –Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Dursaa Muftii Hajii Umar Idiriis Ayyaana Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Iid Alfaxiir Kadhannaa fi Sooma Baatii Ramadaanaa keessa taasisaa turre Waaqa biratti fudhatama akka argatu Ayyaana Waaqaaf galata galchinuudha jedhan.

Hawaasni Musiliimaa hojii gaarii Baatii Ramadaanaa keessa raawwachaa turan yeroo itti aanus kan beela’e nyaachisaa, kan daarome uffisaa, kan rakkatan gargaaraa,akkasumas maaddii qooduun gochaa caalmaatti uumuun walitti nufidu raawwachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Hojiilee gaarii Ramadaana keessa raawwachaa turre Ayyaana Boodas itti fufuun sochii guyyaa guyyaa keessatti haala qindoomee fi namuusa Islaamaa eegeen miidhagnee akka muul’annu gorsa abbummaa koon dabarsa jedhan.

Waliif yaaduun, wal gargaaruu fi waliif ajejamuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Yeroo ammaa Ityoophiyaan jijjiirrama guddaarra jiraachuu ishee ni hubanna, abdiinis sodaanis wal cinaa dhaabbattaniiru,biyyattiitti waliigaltee biyyaalessaa eegalame hundi keenya tumsuu qabna jedhan.

Dhaloonni haaraan nageenya biyya isaaf waardiyyaa ta’uu akka qabu dhaamaniiru.

Rakkoo yeroo ammaa biyya muudate ce’uuf hawaasni Musiliimaa fi Kiristiyaanaa tokkummaa fi waliin jireenya baroota dheeraaf gabbifataniin gumacha olaanaa taasisuu akka qaban dhaamaniiru.

Carraa gaarii jiruun jijjiirrama eegalame guddinaa fi nageenyaaf oolchuuf of eeggannoo fi obsa cimaan fayyadamuun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.

Gochaa qaaneessaa tibbana Goondaritti uumame iddoolee birootti babal’isuuf yaaduu osoo hin taane qaamni hundi balaaleffachuu fi tasgabbiin akka bu’u qooda isaa ba’uu qaba jedhan.

Lammiilee miidhamaniif jajjabina hawwaa, qaamoleen miidhaa qaqqabsiisan ammoo saffisaan seeratti akka dhiyaatan cimsinee gaafanna jedhan.

Ayyaanni Iid Alfaxiirii kun kan gammachuu, badhaadhinaa, jaalalaa fi fayyaa akka ta’u hawwii gaarii qaban hawwaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.