Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee invastimantii alaa harkisuu mudataa jiran furuuf waltajjiin qindoominaa hundaa’e

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC)- Rakkoolee invastimantii alaa harkisuu mudataa jiran furuuf waltajjiin qindoominaa hundaa’uun himameera.

Rakkoolee adeemsa invastimantii harkisuu mudataa jiran haala furuun danda’amu irratti guyyaa har’aa waltajjiin marii gaggeeffameera.

Jijjiirrama yeroo ammaa dhufe sababeeffachuun abbootiin qabeenya alaa hedduun invastii gochuuf dhufaa akka jiran Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw ibsaniiru.

Haa ta’uutii abbootii qabeenyaa kanneen sirnaan simachuu fi gara hojiitti galchuu irratti hanqinaaleen jiraachuu ibsaniiru.

Waltajjiin rakkoolee kanneen furuu fi hordofuu danda’u seektaroota dhimmichi ilaallatu irraa walitti dhufuun akka qophaa’uu barbaachisaa ta’ee argamuu isaa ibsaniiru.

Rakkoolee Invastimantii alaa mudatan akkaataa tartiiba isaan adda baasuun haaluma rakkoo isaan hordofuun furmaata laachuuf waltajjii dhaabbataa hundeessuun barbaachisaa ta’uu sadarkaa ministiraatti gorsaan maakiroo ikkoonoomii muummee ministiraa Ambaasaaddar Girmaa Biruu ibsaniiru.

Rakkicha dhaabbiin itti dhiyeenyaan hordofuuf waltajjiin qindoominaa itti gaafatamtoonni seerkaroota dhimmichi ilaallatu irraa hundeessuun barbaachisaa ta’uu isaa irratti walii galameera jedhan.

Haaluma kanaan dhuma baatii amajjii waltajjiin qiindoominaa Ambaasaaddar Girmaan durfamu kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Walga’ii har’aa irratti obbo Gadduu Andaargaachaw, Ambaasaaddar Girmaa Birruu, Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa, obbo Taklawaldi Axinaafuu, Dooktar Yinnaaggar Dassee, fi ministeeroonni hedduun irratti hirmaachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimmaa Alaa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.