Fana: At a Speed of Life!

Ramaddiin gulaallii tapha waancaa Addunyaa bara 2026 Zoonii Afrikaa ifoome

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC) – Ramaddiin gulaallii tapha waancaa Addunyaa bara 2026 Zoonii Afrikaa har’a Kootidivaaritti ifoomeera.

Ityoophiyaan Ijipti, Burkinaafaasoo, Jibuutii, Giinii Bisaawuufi Seeraaliyoon waliin ramadamuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Gareewwan Biyyaalessaa Ardii Afrikaa ramaddii 9’n kan qoodaman yoo tahu warreen sadarkaa 1ffaan darban kallattiin carraa tapha waancaa Addunyaa bara 2026 irratti hirmaachuu argatu.

Ramaddii salgan irraa gareewwan sadarkaa 2ffaa qabxii fooyyaa’an xumuran 4 tapha mo’atan darbuun wal morkachuun biyyi milkoofte tokko ni darbiti.

Walumaagala Afrikaan tapha waancaa Addunyaa bara 2026’n biyyoota 10 ni hirmaachiifti jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.