Fana: At a Speed of Life!

Saatalaayitii 3ffaan ogeeyyii fi qabeenya Ityoophiyaan furgugamuuf qophii ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC) – Saatalaayitii 3ffaan guutumaan guutuutti ogeeyyii fi qabeenya Ityoophiyaan furgugamuuf qophii ta’uu ibsameera.
Teeknooloojiin Saayinsiin Hawwaa faayidaa biyyaalessaa hedduu qabaachuu itti aanaan daayreektara olaanaa Inistiityuutii Saayinsaa Hawwaa fi Teeknooloojii Ityoophiyaa Dooktar Yeshiihuun Alamaayyoohuun himaniiru.
Keessattuu tajaajila Qonnaa fi nageenyaaf faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Dhabbaticha hawwataa taasiisuuf hojiin bifa haaraan gurmeessuu hojjetamaa jiraachuu Dooktar Yeshiihuun Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Ityoophiyaan Saatalaayitii mataa ishee akka qabaattu qorannoon gaggeessite Komishinii Pilaaniin fudhatama argatee gara hojiitti galuuf qophii ta’uu eeraniiru.
Abbootiin qabeenyaa dhuunfas Teeknooloojii Saayinsii Hawwarratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru.
Sisaay Geetinatiitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.