Fana: At a Speed of Life!

Sababoota ittisuun danda’amuun du’aatii haadholii dhabuurratti qindoominni cimee itti fufuu qaba-Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Amajjii 1, 2015(FBC)- Du’aatii haadholii hir’isuun bu’aan argame jajjabeessaa ta’us ammas sababoota ittisuun danda’amuun du’aatii haadholii dhabuu irratti hojmaanni qindaawaan qaamolee dhimmi ilaallatuu cimee itti fufuu qaba jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.

Dooktar Liyaan, mataduree “Sababoota Ittisuu dandeenyuun du’aatii haadholii mudachuu danda’an waliin haa dhaabnu” jedhuun baatii haadholii fayyaaleyyii yeroo 17ffaaf kabajamu ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Akka Dooktar Liyaan jedhanitti, du’aatii haadhoii hir’isuuf hojiileen hojjetaman bu’aa jajjabeessaa galmeesseera.

Ityoophiyaatti waggaatti haadholiin kuma 14 fi guyyatti ammoo haadholiin 38 ulfaan walqabatee rakkoolee fayyaa mudataniin lubbuun isaanii kan darbu ta’uu ibsaniiru.

Du’aatii haadholiif ka’umsa kan ta’an heddumminaan dhiiguu da’umsaan boodaa, dhiibbaa dhiigaa, infeekshinii, ciniinsuu yeroo dheeraa, hir’ina dhiigaa fa’aa ta’uu eeraniiru.

Sababoota kanneen hambisuu fi ittisuun du’aatii haadholii dhaabuun itti gaafatama waloo hundaa akka ta’e ibsaniiru.
Kanaanis Hojmaannii qindaawaan qaamolee dhimmichi ilaallatuus cimee itti fufuu akka qabu himaniiru.

Sadarkaa addunyutti yeroo 36ffaaf, Ityoophiyatti ammoo yeroo 17ffaa baatiin haadholii wayita kabajamu mootummaan dhaabbilee tumsitota qindeessuun hojiilee hojjecha jirutti dabalataan sadarkaa garaagaraatti hubannoo uumuuf kan kaayyeffatee ta’uun eeramuu ragaan Ministeera Fayyarraa argame ni mul’isa.

Baatiin haadholii 17ffaan Amajjii 1-30, 2015tti sadarkaa biyyaalessaatti kabajama

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.