Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa Biyyaalessaatti proojektiiwwan bishaan dhugaatii kumni 3 fi dhibbi 7 ol ijaaramaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Sadarkaa biyyaalessaatti  proojektiiwwan bishaan dhugaatii kumni 3 fi dhibbi 7 ol gama Sagantaa Qindeessa Bishaan Dhugaatiin ijaaramaa jiraachuu  Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.

Proojektiiwwan magaalaa fi baadiyyaatti ijaaramaa jiran kunneen bara kana keessa kan xumuraman ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Ambaasaaddar Asfaaw Diingaamoo turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Barri baajataa kun osoo hin xumuramiin namoota miiliyoona 4 ol fayyadamoo bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Rakkoolee waliin gahiinsa bishaan dhugaatiin walqabatanii ka’an furuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sagantaa Qindeessaa Bishaan Dhugaatii “Waan Wash” jedhamuun proojektoonni bishaan dhugaatii kumni 3 fi dhibbi 7 ol ijaaramaa jiraachuu kaasuun kanneen keessaa %40 baadiyyaatti %60 ammoo magaalaatti ijaaramaa jiraachuu addeessaniiru.

Proojektoota sagantaa kanaan ijaaramaa jiran dabalataan proojektoonni 63 bakkeewwan hanqinni bishaanii jiruu fi hongeen miidhamanitti ijaaramaa jiraachuu himaniiru.

Bara 2013tti uwwisni bishaan dhugaatii Ityoophiyaa %58.5 ga’uu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.

Uwwisni bishaan dhugaatii baadiyyaatti % 57.25 yoo ta’u, magaalaatti %63 kan uwwisudha.

Xumura bara kanaatti uwwisa bishaan dhugaatii % 65n gahuuf hojjetamaa jiraachuu Ambaasaaddar Asfaaw ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.