Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti guyyaan har’aa guyyaa dubbisaa ta’ee oola

Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti guyyaan har’aa (Amajjii 04/2014) guyyaa dubbisaa ta’ee kan oolu ta’uu ibsame.

“Dubbisuun aadaa keenya haata’u, ” mata duree jedhuun manneen kitaabaa hawaasaa, mana kitaabaa Manneen Barnootaa, Dawoo Dubbisaa (Reading Park) ijaaruun kitaabota walitti qabuun sochiin eegalame cimee itti fufuu eerameera.

kanaan booda ji’a ji’aan guyyaan kun guyyaa dubbisuu tahuun kan yaadatamu ta’uu ibsameera.

Namni kamuu dubbisuu aadeffachuun, aadaa dubbisuu akka gabbifatu,Preezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa,Obbo Shimallis Abdiisaan Kallattii kaa’amuu ibsameera.

Sochii kanaan Manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaa fi Bu’uraa Boruu (KG) keessatti barattoota gidduutti waldorgommii dubbisaa geggeessuun gootota dubbisaa badhaasuun cimee kan itti fufu ta’uu eerameera.

Hawaasa dammaqaa fi beekumsaan ijaarame uumuuf aadaa dubbisaa gabbifachuuf jecha Magaalota hundatti manneen dubbisaa uummataaf banaa tahuun hoggayyuu kan tajaajilan ta’uu ibsameera.

Guutuu Oromiyaatti manneen kitaabaa 165 kan argaman yoo ta’u, iddoowwan manneen kitaabaa hin argamnetti hirmaannaa hawaasaan akka guutaman hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Guyyaa har’as Magaalaa Finfinneetti Gidduugala aadaa Oromoo dabalatee, Godinaalee, Bulchiinsa Magaalootaa fi Aanaalee hunda keessatti sagantichi kan eegalamu ta’uu ragaan Waajjira Preezdaantii MNOrraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.