Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf biqiltuun karooraa ol qophaa’uun ibsame

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC)- Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf biqiltuun karooraa ol qophaa’uu Gareen Suppervizhinii Dhaabbilee Federaalaa ibse.

Ganna dhufu biqiltuu biiliyoona 6.5 dhaabuuf karoorfameen, sadarkaa qophiitiin biqiltuun biiliyoonni 7 qophaa’uun eerameera.

Gareen Suupperviizhinii Dhaabbilee Federaalaa Qophii Sagantaa Ashaaraa Magarisaa Ganna dhufuuf Ministeerri Qonnaa taasisaa jiru daawwateera.

Hoji Raawwachiisaan Dursaa Eegumsaa fi Fayyadama Qabeenya Uumamaa Ministeera Qonnaa Obbo Faanosee Mokonnin, sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa lammiilee hirmaachisuun jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf bu’aalee jajjabeessaa galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara 2011 eegalee hojiilee sagantaa Ashaaraa Magariisaa hojjetamaa jiraniin, hanga ammaatti, biqiltuun biiliyoona 32.3 dhaabameera jedhan.

Kanneen keessaa giddugaleessaan %87 ol latuu dubbataniiru.
Ganna dhufus biqiltuu biiliyoona 6.5 dhaabuuf karooramee hojjetamaa jiraachuu ibsuun hanga ammaattis biqiltuun biiliyoona 7 qophaa’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.