Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa marsaa 2ffaa

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa marsaa 2ffaan godinaalee Oromiyaa garaagaraatti gaggeeffamaa jira.
Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Dagamitti argamuun hoggantoota mootummaa olaanoo fi ummata waliin biqiltuu dhaabaniiru.
 
Oromiyaatti guyyaa har’aa gandoota kuma 6 keessatti biqiltuu miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 4 dhabuuf sagantichi eegalameera.
 
Sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa marsaa 2ffaan guyyaa har’aa ganama sa’aatii 12:00 – galgala sa’aatii 12:00tti gaggeeffama.
 
Naannichaatti bara kana hanga ammaatti biqiltuuwwan biiliyoonni 2.3 ol dhaabamaniiru.
 
Oromiyaatti bara darbe aduu tokkoon dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkootiin biqiltuuwwan miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 11 dhaabamuun ni yaadatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.