Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan wabii fayyaa hawaasaa ofkeessatti qabate lammiilee miiliyoona 22.5 haammateera

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Sagantaan  wabii fayyaa hawaasaa ofkeessatti qabate lammiilee miiliyoona 22.5 haammachuu Ejansiin Fayyaa Ityoophiyaa beeksise.

Sagantaan wabii fayyaa hawaasa haammate magaalaa fi baadiyaatti idilee kan hin taane damee diingdeerratti bobba’anii kan argaman kutaa hawaasaa fayyadamoo kan taasisuudha.

Sagantaan wabii fayyaa kun bara 2003 aanoota 13 keessatti yaaliif naannoo Tigiraay, Amaaraa, Oromiyaa fi Naannoo Kibbaatti eegalamee, muuxannoo argame gabbisuun bara 2006 akka babbalatu ta’eera.

Daayrektarri olaanaan ejansichaa Dooktar Miizaan Kiiroos ibsa har’a laataniin sochiin sagantaa wabii fayyaa hawaasaa bara 2011 naannoolee 5 fi bulchiinsa magaalaa 1 kan argamu aanoota 657 eegalamee aanoota 509 qophiiwwaan duraa xumuramuun miseensota isaaniif tajaajila fayyaa kennuu eegalameera.

Aanoota kanneen keessa kan jiraataan lammiileen miiliyoona 22.5 ta’an sagantaa wabii fayyaa hawaasaan hammatamaniiru jedhan.

Lammiileen sagantaa wabii fayyaa  hawaasaan hammatamaan keessaa galii gad-aanaa kan qabaan baasii fayyaa waggaa uwwisuu kan danda’u lammiilee miiliyoona 5 ol ta’an baasii fayyaa isaanii mootummaan akka uwwisu ta’eera jedhan.

Bara baajata 2011 buusiin miseensoota Birrii biiliyoona 1.2 walitti qabamuu kan ibsuun, miseensoonnii fi maatii sagantaa wabii fayyaa yaalaa fayyaa argataaniif kafaltiin miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 17 raawwatamuu ibsaniiru.

Sagantaan wabii fayyaa hawaasaa haammate bara 2012 galmee miseensootaa fi haaromsaa baatii Muddeerraa eegalee raawwatamaa jiraachuu beeksisaniiru jechuun Zabiib Taklaaytu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.