Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan yaadannoo waggaa 27ffaa duguuggaa Sanyii Ruwaandaatti raawwatamee gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Sagantaan yaadannoo waggaa 27ffaa duguuggaa Sanyii Ruwaandaatti raawwatamee gaggeeffameera.
Sagantichi guyyaa har’aa galma Gamtaa Afrikaatti kan kabajame.
Ministiri Deettaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtuukaan Ayyaanoo haasaa taasisaniin, bara Faranjootaa 1994 duguuggaan sanyii Ruwaandaa Tuutoorratti raawwateen Tuutiwwaan kuma 800 hanga miiliyoona 1 tahan lubbuun darbuu eeraniiru.
Yakki sanyii duguuguu Ruwaandaatti raawwatame bu’aa imaammataa fi haasaa jibbiinsaa tahuu hubachiisaniiru.
Rakkinicha furuuf Ityoophiyaan nagaa kabachiistoota erguu akkasumaas adeemsa deebisanii dhaabuu keessatti gahee olaanaa qabaachaa akka turte ibsaniiru.
Saganticharratti Dura Taa’aa Komishinara Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaammat, Itti Aanaa Komishinichaa Dooktar Moonik Niisaanzaabaagaanawaa, Itti Waamaamaa Addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Hoogganaan Biiroo Gamtaa Afriikaa Haannaa Teetaah, Ityoophiyaatti Ambaasaaddari Ruwaandaa Hoop Tumuukuundaa Gaastaaraa, Ambaasaaddaroonni fi abbootiin amantaa hirmaataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.