Fana: At a Speed of Life!

Salaaleen handhuura goototaati – Dooktar Birihaanuu Leenjisoo

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Konfirensiin Nageenyaa dhalattoota Salaalee iddoo adda addaa jiraatan hirmaachise Galma Jiddu Gala Aadaa Oromoo Salaaleetti gaggeeffameera.

Konfirensii kanarratti hoggantoonni mootummaa Federaalaa, naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa dabalatee hayyoonni, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siiqee fi jiraattonni Aanalee Godinicharraa walitti dhufan hirmaataniiru.

Kaayyoon koonfaransichaas rakkooleen nageenyaan walqabatee mul’atu irratti gadi fageenyaan mari’achuun furmaata waaraa laachuufi jedhameera.

Konfirensicharratti barreeffame ka’umsa marii kan dhiyeessan MinistiriDeetaan Ministeera Jallisii fi naannolee Gammoojjii Dooktar Birahaanuu Leenjisoon Ummanni Tuulamaa biyya Ityoophiyaa jedhamtu ijaaruu keessatti ga’ee adda durummaa ba’achaa ture jedhaniiru.

Biyya Ityoophiyaa jedhamtu tana ijaaruu keessatti ga’een Oromoon Tuulamaa bahachaa ture adda duree ta’uu kaasan Dooktar Birihaanuun.

Salaaleen handhuura goototaa ta’uu ibsaniiru.

Qabsoo biyya kana ijaaruuf taasifamaa ture keessatti dhiigni gootota Salaalee keessa hafee hinbeeku kan jedhan ammoo Sadarkaa itti aanaa Preezdantiitti Qindeessaan Kilaasteera Magaaloota Oromiyaa obbo Addisuu Aragaan.

Ummanni Salaalee lafa gootota akka Hayila Maaraami Gammadaa, Jeneraal Taaddasaa Birruu, Agarii Tulluu, Abbichuu Bayyanaa, Magarsaa Bariifi kanneen biroo biqilchiteedhas jedhaniiru.

Ummanni Salaalee Kaleessaas har’as biyya kana ijaaruu fi itti fufsiisuuf Ummata shoora guddaa ba’achaa turee fi jiruudha jedhan.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.