Fana: At a Speed of Life!

Sanadni karoora waggaa 10 ummataaf raabsamuufi

Finfinnee, Eebila 1, 2013 (FBC) – Sanadni karoora waggaa 10 torbee dhufuu eegalee ummataaf kan raabsamu ta’uu Komishiniin Plaanii fi Misoomaa ibse.
Torbee dhufu ummata akka qaqqabu kan qophaa’e karoorri kun Marsariitiiwwan Komishinichrratti kan gadi lakkifamu ta’uu ibsmeera.
Dabalataan torbee dhufuu eegalaa fuulawwan hawaasummaa Komishinichaarratti argachuun kanda’amu ta’uu fi bifa Kitaabaniif qophaa’uun yeroo ammaa maxxanfamaa jiraachuu eerameera.
Wayita adeemsi maxxansuu isaa xummurame ummataaf kan raabsamu ta’uu komishinichi ifoomsaeera.
Karoorichi hanqinaalee karoora misoomaa kana dura muudatanii fi ciminoota turan tilmaama keessa galchuun imala badhaadhinaa waggoottan kurnan dhufanii milkeessuuf karoora qophaa’e ta’uu ragaan Komishinii Plaanii fi Misoomarraa argame ni muul’isa.
Muul’ata misoomaa biyyaa milkeessuuf shoora olaanaa kan qabaatuudha jedhame.
Karoorichi Baatii darbe keessa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaachuun ragga’uun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.