Fana: At a Speed of Life!

Sanitaayzariin Veelveeksi, Zooyii fi  cuunfaan wayinii diimaa Paayuneer faayidaarra akka hin oolle dhorkame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC) –Sanitaayzariin Veelveeksi, Zooyii fi  cuunfaan wayinii diimaa Paayuneer faayidaarra akka hin oolle dhorkame.

Sanitaayzariin Veelveeksi, Zooyii fi  cuunfaan wayinii diimaa Paayuneer faayidaarra akka hin oolle dhorkamuu Abbaan Taayitaa Abukaatoo Daldalaa fi Shamattootaa FDRI beeksise.

Oomishoonni lamaan hammi alkoolii keessoo isaanitti qaban sadarkaadha gadi ta’uun faayidaarra akka hin oolle dhorkamuu abbaan taayitichaa ibsa  Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ergeen ibseera.

Teessoo isaanii Keeniyaa kan taasifatan oomishtoonni kun sanitaayzaroonni lameen faayidaa isaanii hamma barbaadame waan hin qabneef dhorkameera.

Haaluma walfakkaatuun abbaan taayitichaa oomisha nyaataa Paayuneer kan ta’e oomishaalee cuunfaa wayinii diimaa irratti  qaruuraa caccabaa argachuun oomishaaleen kunneen gabaarra akka walitti qabaman taasiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.