Fana: At a Speed of Life!

Seektaraalee magaalota Oromiyaa baatiwwan 6 keessaatti galiin Birrii biiliyoonni 16 ol walatti qabamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC)- Seektaraalee magaalota Oromiyaatti baatiwwan 6 keessaatti galiin Birrii biiliyoonni 16 ol walatti qabamuu itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Misooma Magaalota Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru.
Ministeerri Konistiraakshinii fi Misoomaa magaalaa Supperviizhinii magaalota naannoo Oromiyaarratti gaggeessee tureen bu’aa daawwannaa gaggeeffameerratti duubdeebii waajjira Seektara magaalota Oromiyaa fi seektaroota dhimmi ilaaluu biroof kennera.
Aadde Caaltuun hojiiwwan misooma magaalotaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru cimsuuf dawwannaa taasifamerraa galteen nuuf dhiyaate barbaachisaadhaa jedhaniiru.
Bara kana akka seektarichaatti hordoffii fi deeggarsi taasifamaa ture bu’aa gaarii argamsiiseera jedhan.
Milkaa’inni guddaan labsii tajaajila lammummaatiin walqabatee argameera jedhaniiru.
Hirmaannaan hawaasaa guddaa waan tureef hojiin fakkeenyummaa gaarii qabu hojjetameera.
Naannichaatti galii Birrii biiliyoona 33 walitti qabamuuf karoorfameen baatii 6 keessaatti Birriin biiliyoonni 16.166 walitti qabamuun danda’ameera.
Akka gabaasa OBNtti Carraa hojii uumuuf karoora qabameen baatii Muddeetti namoonni kuma 200 ol carraa hojii argataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.