Fana: At a Speed of Life!

Seerota idil addunyaa maanguddoota ilaallataan haalan hojirraa olchuu dhabuun rakkoo manguddootarra ga’uu dabalaa jedhame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC)- Seerota idil addunyaa maanguddoota ilaallataan haalan hojirraa olchuu dhabuun rakkoo manguddootarra ga’uu dabalaa jedhame

Maanguddonni imaala dhaloota kaleessa irraa fudhaanii har’aan kan ga’aan akkasumaas gara boruutti kan ceesisan waan ta’anif kabajaa fi eegumsi barbaachisaa taasifamuufi akka qabuu Ministirri ministeera Hojjataa fi Hawaassummaa Dooktar Ergoogee Taasfayee yaadachisaniiru.

Guyyaa maanguddootaa 29ffaan Fulbaana 21 kabajamuu ilaalchise ministeerichi har’a ibsa laatera.

Ibsichaan  maanguddoonni seenaa fi duudhaa hawaasummaa dhaloota waan dhaalchisaniif kabaaja fi eegumsi baarbachisaa ta’ee taasifamuufi qaba jedhameera.

Weerarri vaayrasii koroonaas maanguddootarraatti dhiibbaa guddaa geessisuun himameera.

Guyyaan Maanguddoota bara kanaa mata duree ‘Deebii waqtawaa fi hojiirraa oolu Maanguddootaf’ jedhuun kabajama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.