Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa 22rratti jilli hirmaate simatame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 22ffaarratti kanneen hirmaatan Garee Jilaa Atiletiksii Ityoophiyaaf simannaan taasifameera.
Moorishiyeesitti kan gaggeeffamaa ture Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 22ffaarratti Ityoophiyaan Warqee 4, Meetii 6 fi Nahaasaa 4 walumaagalaan meedaaliyaawwan 14 argachuun sadarkaa 5ffaan xumurteetti.
Shaampiyoonaa kanarratti garee jilaa atileetiksiin hirmaachaa ture wayita Finfinnee seenu, De’eetaa Ministiraa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfiin Charinnatiin dabalatee qaamoleen hoji raawwachiiftota atileetiksii Ityoophiyaatiin simatamaniiru.
Maddi:TOI
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.