Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa Manneen Barnootaa Paan Afrikaanizimii Naannoon Oromiyaa sadarkaa 2ffaan xumure

Finfinnee, Guraandhala 12, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa bakka bu’uun Shaampiyoonaa Manneen Barnootaa Paan Afrikaanizimii Taanzaaniyaatti gaggeeffamerratti kan hirmaate Naannoon Oromiyaa Koorniyaa lamaaniin sadarkaa 2ffaan xumureera.

Waldorgommii kubbaa miilaa kanarratti Dhiirotaan Manni Barnootaa Adaamaa Gadaa Roobilee, tapha xumuraa Yuugaandaa waliin taphateen rukuttaa adda baastuun Yuugaandaan 2-0’n injifatteetti.

Dubartootaan ammoo Manni Barnootaa Awwaaroo, Amboo tapha xumuraa Taanzaaniyaa waliin taphateen 3-0’n injifatamuu ragaan federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Haaluma kanaan Koorniyaa lamaaniin Manneen Barnootaa Naannoon Oromiyaan Ityoophiyaa bakka bu’uun Dorggommii Manneen Barnootaa Paan Afrikaaniziimii 2ffaa baranaan sadarkaa 2ffaan yoo xumuru badhaasa Meetii fi Doolaara kuma 150 argachuu danda’eera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.