Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Godina Jimmaa xumurame

Finfinnee, Mudde 20, 2016 (FBC)- Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa aanaalee Godina Jimmaa gaggeeffamaa ture xumurame.

Shaampiyoonachi dorgommiiwwan Ispoortii aadaa 8’n aanaalee godinichaa 20 giddutti gaggeeffamaa turuun ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Jimmaa Obbo Nagumaa Mokonniin, kaayyoon dorgommichaa ispoorteessitoota godinichaa fi naannoo bakka bu’an horachuuf ta’uu dubbataniiru.

Kana males, hariiroo aanaalee gidduu jiru akka cimsu Obbo Nagummaan himaniiru.

Aanaalee fi isporteessitoota qabxii olaanaa galmeessisaniifis badhaasni Waancaa fi Meedaaliyaas kennameera.

Muktaar Xahaatu gabaasee.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.