Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa Ityoophiyaa 19ffaan magaalaa Dabra Birihaanitti ni gaggeeffama

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa 19ffaa fi Feestivaalli aadaa 15ffaan biyyaalessaa qopheessummaa magaalaa Dabra Birihaaniin Dilbata dhufuu eegalee kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Dorgomichi Gurraandha 6 -13, 2014 gosoota Ispoortii 10 kan gaggeeffamu ta’uu Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Naannoo Tigraayiin ala naannoo Haaraa hundaa’e Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa dabalatee naannolee fi bulchiinsi magaaloota hundi kan irratti hirmaatan ta’uu ibsameera.
Ispoorteessitoonni 900 ta’an naannolee kanneen keessa walitti babba’an kan hirmaatan ta’uu federeeshinichi himameera.
Shaampiyoonaan kun karaa guutuu ta’een akka gaggeeffamu qophiin barbaachisu hundi xumuramuu Itti Gaafatamaan Waajjira Federeeshinii Ispoortii Aadaa Ityoophiyaa obbo Balaayinaa Hayineen himaniiru.
Sadarkaa biyyaalessaatti gosoonni Ispoortii aadaa seerrii fi sirni hin baaneef 293 kan jiran yoo ta’u, yeroo itti aanu qorannoon irratti kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.