Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa Oromiyaa 27ffaan Olaantummaa Godina Jimmaan goolabame

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa Oromiyaa 27ffaan Olaantummaa Godina Jimmaan goolabameera.

Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa Oromiyaa27ffaafi agarsiisni feestivaalaa aadaa 12ffaan  magaalaa Sandaafatti gaagheeffamaa ture Olaantummaa Godina Jimaatiin goolabame.

Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa Oromiyaafi agarsiisni aadaa  kun Godina 18fi Magaaloota 8 gidduutti gaggeeffaama kan ture yoo tahu, qbxii waliigalaan Godinni jimmaa olaantummaan oo goolabu, Shawaan lixaa sadarkaa 2ffaan xumureera.

Agarsiisaa Feestivaala aadaatiin ammoo Godinni Arsii Lixaa 1ffaa, Shawaan Kaabaa 2ffaafi Laga Xaafoon sadarkaa 3ffaan goolabaniru.

Tapha Qilleetiin Godinni Shawaa kaabaa Olaantummaan yoo goolabu magaalaan Sulultaafi Magaalaan Laga Xaafoo Laga Daadhiin wal duraa duubaan sadarkaa 2ffaafi 3ffaa qabataniru.

Wal morkii wal’aansoon Gujiin olaantummaan goolabeera.

Hirmaannan godinaalee fi Magaaloota  gama ispoortii aadaan qaban daran dabalaa dhufaa jiraachuunis himameera.

Ispoortii Aadaa Buu’uura Ispoortii ammayyaa tahuun cinaatti aadaa hawaasa keessaa jiru baasee kan mul’isu waan taheef hawaasni sadarkaan jiru Ispoortii aadaa kana deeggaruu akka qabu hooggantuun Biiroo dhimma Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa durbee Saamiyaa Abdallaa himaniiru.

Taphattoonni gosoota Ispoortii aadaa hundaan qabxii gaarii galmeessan Oromiyaa bakka bu’uun Shaampiyoonaa Ispoortii aadaa biyyaalessaa irratti kan hirmaatan taha.

Dajanuu Gonfaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.