Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Oromiyaa magaalaa Walisootti torbee lamaaf gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Amajjii 14, 2015 (FBC)- Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Oromiyaa magaalaa Walisootti torbee lamaaf gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa xumurameera.

Shaampiiyoonaan Wal dorgommii Ispoortii Aadaa Oromiyaa marsaa 28ffaa feestivaala  agarsiisa aadaa 13ffaa Godina Shawaa Kibba Lixaa fi Bulchiinsa magaalaa Waliisootti qophaa’e guyyoota 14’f godinaalee Oromiyaa garaagaraa wal dorgomsiisaa  ture guyyaa har’aa goolabameera.

Dorgommii Ispoortii aadaa waliigalaan godina shawaa lixaa, agarsiisa feestivaala aadaan godina Arsii lixaa, agarsiisa baniinsaan godinni Shawaa kibba lixaa shaampiyoonaa ta’uun waancaa fudhataniiru.

 

Sirna cufiinsaa shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa Oromiyaa magaalaa Wolisootti gaggeeffamaa tureen hoggontoonni Olaanoon kan argaman yoo ta’u naannoo Oromiyaa bakka bu’uun Ispoortessitoonni hedduunis calalamaniiru.

Kaayyoon dorgiomichaas Ispoortiin aadaa bu’uura Ispoortii ammayyaa akka ta’e agarsiisuuf, akkasumas muuxannoo aadaalee godinaalee Oromiyaa wal jijjiiruuf ta’uu ibsameera.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.