Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii Aanaalee Godina Harargee Bahaa eegale

Finfinnee, Guraandhala 26, 2015 (FBC) –Shaampiyoonaan Ispoortii Aanaalee Godina Harargee Bahaa 20 fi bulchiinsa magaaloota 4 hirmaachise eegaleera.

Shaampiyoonichi kubbaa miilaa fi Saaphanaa dabalatee gosoota ispoortii adda addaan ni dorgomama jedhame.

Dorgommichi Ispoorteessitoota ciccimoo maqaa naannoo fi biyyattii waamsisan horachuuf kan qophaa’e ta’uu Itti Gaafatamtuun Waajjira Dargaggoofi Ispoortii godinichaa Aadde Faayoo Sa’id himaniiru.

Dorgomichi milkaa’inaan akka xumuramu qophiin taasifamuu Itti Aanaa Bulchaan godinichaa Obbo Ayyaalaw Taakkalaadubbataniiruu.

Dorgommichi guyyoota 15f kan turu ta’uu eerameera.

Yaasin Shamsaddiintu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.