Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii tapha guutuu Godina Wallaggaa Bahaa Istaadiyeemii Wallaggaatti eegalame

Finfinnee, Guraandhala 27 ,2015 (FBC)- Shaampiyoonaan Ispoortii tapha guutuu Aanaalee Godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Naqamtee Istaadiyeemii Wallaggaatti eegalameera.

Shaampiyoonichi bakka gaggeessitoonni Godinaa Wallagaa Bahaa fi aanaalee, jaalattoonni ispoortii fi Ispoorteessittoonni Aanaalee Godinichaa argamanitti Magaalaa Naqamteetti eegalameera.

Bakka Bu’aan Itti gaaafatamaa Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Tsaggaayee Haayiluun, kaayyoon waldorgommicha Ispoortessitoota ciccimoo godina bakka bu’uun dorgommii sadarkaa naannootti gaggeeffamu irratti hirmaatan horachuuf ta’uu eraniiru.

Shaampiyoonaan Ispoortii kunis gosoota Ispoortii 8’n guyyoota 10’f kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.