Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Kilaboota Kubbaa miillaa Godinaalee fi magaalota Oromiyaa 19ffaan Magaalaa Ambootti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Shaampiyoonaan Kilaboota Kubbaa miillaa Godinaalee fi magaalota Oromiyaa 19ffaan kilaboota 36 hirmaachise Magaalaa Ambootti gaggeeffamaa jira.
 
Shaampiyoonaa kilaboota naannoo Oromiyaa 19ffaa kanarratti hirmaannan kilaboota dabalaa dhufuu itti gaafatamaan Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obboo Firoomsaa Laggasaa himaniiru.
 
Naannoo Oromiyaatti sochii ispoortii kubba miillaa taasiifamaa jiruun hirmaannan kilboota naannichaa liigii biyyaaleessa fi liigii Olaanaa keessa jiru dabalaa jiraachuunis himameera.
 
Kaayyoon waldorgommii Shaampiyoonaa Kilaboota magaalaa fi Godinaalee Oromiyaa kunis sadarkaa kilaboota madaaluu fi carraa hirmaannaa kilaboota fooyyee qabaniif dabaluuf tahuudha obboo Firomsaan kan himan.
 
Shaampiyoonaan kun Hagayya 09-23/2013 kan turu tahuunis himameera.
 
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.