Fana: At a Speed of Life!

Shaashamanneetti manneen barnootaa 58 irratti tarkaanfii fudhatame

Finfinnee, Amajjii 22, 2016 (FBC)- Waajjirri barnoota Magaalaa Shaashamannee manneen barnootaa 58 irratti tarkaanfii fudhachuu ibse.

Itti Gaafatamaa Ittaanaan Waajjira Barnootaa Magaalichaa Obbo Kabbadaa Badhaasoon, Magaalaa Shaashamanneetti manneen barnootaa dhuunfaa 191 jiraachuu ibsaniiru.

Kanneen keessaa 58 irratti ammoo tarkaanfiin seeraa fudhatamuu fi akeekkachiisni kennamuu eeraniiru.

Obbo Kabbadaan akka jedhanitti, bulchiinsa magaalichaatti qulqullina barnootaa eegsisuuf yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Sadarkaa eeyyamameen ala manneen barnootaa wiirtuu daldalaa gochuun kan nama adabsiisu ta’uu eeruun, manneen barnootaa hojii baruu fi barsiisuuf mijataa taasisuun murteessaadha jedhan.

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.