Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti barattoonni kuma 140 ol sagantaa nyaata barattootaan fayyadamtoota ta’aa jiru

Finfinnee, Mudde 15, 2016 (FBC)- Magaalaa Shaggaritti barattoonni kuma 140 ol sagantaan nyaata barattootaan fayyadamtoota ta’aa jiraachuu Biiroon Barnootaa Magaalichaa beeksise.

Sagantichis, magaalicha manneen barnootaa 293’tti sagantaan nyaata barattootaa hojiirra oolaa jiraachuun eerameera.

Hoggaanaan biirichaa Obbo Firakiyyaa Kaasaahuun akka ibsanitti, bara barnootaa 2016 sagantaa nyaata barattootaa hojiirraa oolaa jiruun barattoonni kuma 140 fi 531 fayyadamtoota ta’aa jiru jedhan.

Sagantaa nyaataa eegalameen walqabatee dargaggoota kuma 2 fi 800 fi haadholiif carraan hojii uumamuu FBC’f himaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.