Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti Biqiltuun miiliyoonni 3 ol guyyaa tokkootti dhaabbate

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2015 (FBC)- Magaalaa Shaggaritti biqiltuun gara garaa miiliyoona 3 fi kumni 500 guyyaa har’aa dhaabamuun ibsame.

Guyyaa har’aa duulli biqiltuu dhaabuu mata duree “Egeree keenya har’a haa dhaabnu” jedhuuun sadarkaa magaalichaatti gaggeeffameera.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti Kantiibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, Ittaanaan Daayrektaraa Misooma Bosonaa Ityoophiyaa Dooktar Mootummaa Toleeraa argamaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa sadarkaa magaalichatti har’a gaggeeffameen biqiltuuwwan garaagaraa kutaalee magaalichaa 12 fi aanaalee 36’tti dhaabamuu OBN gabaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.