Fana: At a Speed of Life!

Shamarraan Ashandaa ambaasaaddaroota nageenyaa fi fakkeenya nageenya jaallachuuti-Aadde Adaanech

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Shamarraan Ashandaa ambaasaaddaroota nageenyaa fi fakkeenya jiraata nageenyaa jaallachuu ta’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebee ibsan.

Aadde Adaanech, sagantaa goolaba kabaja ayyaana Ashandaa Finfinneetti gaggeeffamerratti ayyaannichi ayyana nageenyaa fi jallattoota nageenyaati jedhaniiru.

Ityoophiyaanonni tokkummaan yoo dhaabbannee, qaamolee addaan nu qooduu fedhanii fi dhiibbaa humnoota alaa hundaa bilchinaa fi hubannaan kan dabarree, qormaataa fi qortoota irra deddeebiin kan qaanessineedha jedhan.

Ammas taanaan, jibbiinsi injifannoo itti fufiinsaa waan hinqabneef jibbiinsii fi walqoodiinsi haa ga’uu kan jedhan Aadde Adaanech, walqoodiinsaa fi walitti bu’iisaa dhaloota hindhaalchisnu himan.

Harki waamichaa nageenyaa Ityoophiyaa kan hindachaane ta’uu ibsuun, rakkoolee fi garaagarummaan qawweedhaan furmaata waaraa hinargatus jedhaniiru.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasan Ashaandaan ummataa fi Ityoophiyaa walitti firoomsuu keessatti Faayidaan hawaasummaa waan qabuuf, duudhaalee ayyanicha keessatti calaqqisan, tokkummaa fi hariiroo hawaasummaaf fayyadamuun murteessa ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaala Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.