Fana: At a Speed of Life!

Shaneef deeggarsa hidhannoo taasisuuf socho’aa kan turan shakkamtoonni afur to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC)- Garee shororkeessaa Shaneef deeggarsa hidhannoo taasisuuf imalaa kan turan shakkamtoonni afur to’atamuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Shakkamtoonni to’annoo jala oolfaman Awaash irraa ka’uun konkolaataa mootummaan meeshaalee waraanaa Isnaayparii lama, laawuncharii tokko, rasaasa laawuncharii shan, rasaasaa isnaayipparii kaartaa 28, uffannaa seeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa guutuu lama, uffannaa seeraa humna addaa duraanii Naannoo Afaar, fe’uun garichaaf qaqqabsiisuuf imalaa wayita jiranitti Magaalaa Sabbataatti hordoffii taasifameen to’atamuu beeksiseera.

Hawaasnis yakkoota akkanaa wayita argutti eeruu kennuun tumsa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu humnichi waloo waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.