Fana: At a Speed of Life!

Shirri badii Gareen Shororkeessitootaa ABUT fi shaneen  Finfinneetti qopheessanii turan fashalaa’uu Poolisiin beeksiise

Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Shirri badii Gareen Shororkeessitootaa ABUT fi shaneen  magaalaa Finfinneetti qopheessanii turan fashalaa’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa fi Finfinnee beeksiisaniiru.

Erga labsiin yeroo ariifachiisaa hojiirra oolee jalqabee Poolisii fi hawaasni waliin ta’uun sakattoo yakkaa hedduu taasiisuu Komishinii Poolisii Federaalaatti Itti gaafatamaan Biiroo Qorannoo yakkaa Itti aanaan Komishinara Jeneraal Zalaalam Mangistee fi Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinneetti Qorataan yakka fi Balaa Tiraafikaa Itti aanaan Komshinaraa Hasan Nagaash ibsa waloon laataniin  himaniiru.

Shirri badii Gareen Shororkeessitootaa ABUT fi shaneen Finfinneetti qopheessanii turan fashalaa’uu ibsa isaaniin eeraniiru.

Meeshaaleen garichi ergama shororkeessummaa raawwachuuf qopheessee ture to’atamuu himaniiru.

Tattaaffiin gareen kun magaalaa Guddittii biyyattiitti hokkoraa fi jeequmsa kaasuun biyya diiguuf taasiisaa turan fashalaa’uu eeraniiru.

Qaamoleen nageenyaa tokko tokko Birrii kuma 3 hanga kuma 50tti fudhachuun garee badii kanneen waliin qindoominaan hojjechaa turan eeruu argameen to’annoo jala ooluu ibsaniiru.

Tsaggaayee Wandasantu gabaase.

Naannoo Keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.