Fana: At a Speed of Life!

Shugguxiin 120 seeraan ala daddabarfamaa ture  to’atame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Godina Walloo Kibbaa aanaa Booranaatti Shugguxiin seeraan alaa 120 Birrii miiliyoona 1 fi kuma 80 tilmaamamu to’atamuu Waajjirri Poolisii aanichaa beeksiseera.

Konkolaataan Goondar Kaabaa irraa shugguxiiwwan Faalkool jedhaman baayyinni isaa 120 fe’ee gara Kombolchaa  imalaa ture  eeruu tajaajila Odeeffannoo Nageenyaa Biyyaalessaan halkan keessaa naannoo sa’aatii 6:00 aanaa Booranaatti to’atamuu Ittaanaan bakka bu’aan waajjira poolisii aanichaa Inspeektar  Usmaan Sayid ibsaniiru.

Shakkamtoonni meeshicha daddabarsaa turan to’atamuun qoratamaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.