Fana: At a Speed of Life!

Sidaamaatti namoonni Yakka Malaammaltummaan himataman 136 adabaman

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC) – Naannoo Sidaamaatti Hoggantoonnii fi Ogeeyyiin Yakka Malaammaltummaan himataman 136 adabbiin hidhaa hanga waggaa11 itti murtaa’uu Abbaan Alangaa Waliigalaa naannichaa beeksiise.

Qaamoleen kunneen qabeenya Ummataa fi Mootummaa Birrii miiliyoona 60tti tilmaamamu saamuu isaanii ibsameera.

Kallattii mootummaan naannichaa kaa’een Koreen Farra Malaammaltummaa gurmaa’uun hojii gaarii hojjetaa jiraachuu eereera.

Korichi galmeewwan himannaa 265 gurmeessuun himata bane keessaa galmeewwan 72 Mana Murtiin murtoo argachuu ibseera.

Hoggantootaa fi Ogeeyyii 505 himanni irratti baname keessaa 136 adabbiin hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa 11 itti murtaa’uu eereera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.