Fana: At a Speed of Life!

Sirna Gubaa (‘Damaraa’) sababeeffachuu daandileen konkolaattotaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Boruu Addabaabayii Masqalaatti Sirna Gubaa (‘Damaraa’) Masqalaa gaggeeffaamu sababeeffachuun daandiilee konkolaattotaaf cufaa ta’aan Poolisiin Magaalaa Finfinnee ifoomseera.

Haaluma kanaa boruu sa’aatii 5:00 eegalee hangaa sirnichi eegalamee xumuramutti:-

•Daandiin Mana Amantaa Ura’eel irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessuu Addabaabaayii Uraa’eelitti;

•Daandiin Kallattii Booleerraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessuu Addabaabaayii Oloompiya

•Masqaal Filaawooriirraa gara Gara Olompiyaa Addabaabaayii Gazeebootti

•Siniima Agoonarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessuu Agoonaa Siniimaa fi Addabaabaayii Xilaahuunitti
•Lagaa Harreerraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Ibsa Lagaa Harree irratti,

•Qaxxamuuraa Teeleeraa gara Addabaabaayi Masqalaa kan geessu
•Hooteelaa Raas irra gara Istaadiyeemmii kan geessuu

•Ibsa Harrambee irraa Siniimaa Ambaasaadddar kan geessu Ibsa Harrambeerratti

•Masaraa Mootummaa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Masaraa mootummaa Cinaatti

•Kazaanchis irraa gara Baambiis kan geessu Sheelii Cinaa
•Hooteelaa Juupitar irra gara Koomishinii Diinagdee Afrikaa (ECA) kan geessuu gamoo Saalkoot cinaatti cufaa ta’uu hubachuun konkolattoonni daandiiwwan filmataa biroo akka fayyadamaan ibsameera.

Ayyaannichi rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa qophii xumuruun hojiitti seenuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibseera.

Qaamolee dhimmichi ilaalatuu waliin qindoomuun ayyaanichi duudhaa amaantichaa haala eeggateen akka kabajamuu fi nageenyaa hirmaattoota ayyaanichaa eegsisuuf hojjetama jiraachuun eerameera.

Hawaasni wantoota nageeyaaf shakkisisoo ta’an wayita arguu 011-1-26-43-59; 011-5-52-63-02/03; 011-5-52-40-77; 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 akkasumaas 987; 991 fi 816 sarara bilbilaa bilisaan eeruu kennuun tumsa barbachisuu akka taasisaniif Humni Waloo waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.