Fana: At a Speed of Life!

Sirni awwaalcha Obbo Sintaayyoo Tolaa Magaalaa Sabbataa Bataskaana Qidduus Gabreeliitti raawwatamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Sirni awwaalcha Obbo Sintaayyoo Tolaa Magaalaa Sabbataa Bataskaana Qidduus Gabreeliitti raawwatamaa jira.

Akka OBN gabaaseetti sirnichi bakka hoggantoonni Mootummaa Olaanoon,  Af Yaa’ii itti aantuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa aadde Loomii Badhoo fi maatii fi firoottan argamanitti raawwatamaa jira.

Obbo Sintaayyoo Tolaan dhibee tasaa isaan mudateen Caamsaa 8, 2014 addunyaa kanarraa du’aan boqachuun isaanii ni yaadatama.

Obbo Sintaayyoo Tolaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti sadarkaa ogeessaa irraa eegalee hanga Hogganaa Itti Aanaatti hojiilee Uummata Oromoo sadarkaa biyyaa fi Idil- Addunyaatti beeksisan hojjetaniiru.

Hanga dhibeen tasaa isaan muudatee Addunyaa kana irraa boqotanittis, Itti Aanaa Daayreektara Inistiityuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo ta’uudhaan tajaajilaa turaniiru.

Seenaa fi seenessi Uummata Oromoo sirnoota darban keessa dabee barreeffamaa ture qoranno ofi qo’annoo gaggeessuudhaan seenaa qajeelaan Uummatichaa akka barraa’uuf gahee guddaa taphataniiru.

Sirni Gadaa Oromoo bakka bu’aa Hambaa kiliyaa dhala namaa ta’ee, dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Saayinsii, Aadaa fi Barnootaa ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf gahee guddaa gumaachaniiru.

Gahee Uummanni Oromoo lola Adwaa, Saambee fi dirreewwan injifannoo waraana Xaaliyaanii qorannoodhaan baasuun, Uummanni Oromoo biyya Ityoophiyaaf gaachana ta’uu isaa muul’isaniiru.

Hambaaleen gurguddoon Oromiyaa Holqa Soofumar, Dirree Sheek Huseen, Paarkii Gaarreen Baalee fi bakki seenaan duraa Malkaa Qunxurree ‘UNESCO’tti galmeessuudhaaf kaadhimummaan akka dhiyaataniif hojjetaa turaniiru.

Ayyaanni Irreechaa malkaawwan duraan Uummanni Oromoo sababa sirnoota darbaniin irraa dhiibamaa turetti deebi’ee akka Irreeffatamuufi duudhaaleen Irreechaa Oromoo birattis ta’ee saboota biyyattii biratti akka hubatamuuf waahillan hojii isaanii wallin ta’uun hojii boonsaa hojjetaniiru.

Sirni Gadaa Oromoo, Sirna Barnootaa naannoo Oromiyaa fi naannolee ollaa kutaa 1-8tti kennamaa jiru keessatti qophii kitaaba barataa irraa eegalee milkaa’ina hojichaaf ga’ee guddaa taphataniiru.

Fooramii fi waltajjiilee dhimma qorannoo Oromoo irratti waraqaa qorannoo Aadaa fi Seenaa Oromoo dhiyeessuudhaan, waa’een Uummata Oromoo sadarkaa biyyoolessaa fi Idil-addunyaatti akka beekamuuf hojii guddaa nama hojjetaniidha.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.