Fana: At a Speed of Life!

kitaabni ‘Ashaaraa’ eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2013 (FBC) – Haasawa Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waggoota sadan darban taasiisan walitti qabuun kan maxxanfame kitaabni‘Ashaaraa’ eebbifameera.
Sirna Eebbichaarratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, hoggansi Mootummaa olaanoon Federaalaa fi Naannolee akkasumas hayyoonni argamaniiru.
Kitaabni ‘Ashaaraa’ haaswa Muumeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii hanga 2013 tti yaa’ii Mana Maree bakka bu’oota uummataa irratti taasiisan qindeessuun kan maxxanfame ta’uu himameera.
Kitaabichi taateewwan biyyaalessaa waggoota sadan darbanii kan ibsu ta’uus eerameera.
Boqonnaa 4 kan qabu fi akkaataa qabiyyee isaatiin iddoo 5nitti kan qoodame akka ta’e sirnicharratti ibsameera.
Kitaabicha Dhaabbataa Preesii Ityoophiyaatu qopheesse jedhame.
Sirni eebbichaa Hoteela Sharaatanitti gaggeeffamaa jiraachuu sagantaa tamsaasa Kallattii AMN irraa hubachuun danda’ameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.