Fana: At a Speed of Life!

Sirni gibiraa tuttuqqaa namaarra fagaataa ammayyaa’aa adeemuu qaba-Aadde Adaanach

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bara baajataa 2014tti sagantaa sosochii kaffaltii gibiraa gaggeessa jira.

Waltajjii sosochi kanarratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebee, Hogganaa Biiroo Galiiwwanii Magaalichaa Obbo Mulugeetaa Tafarraa, ittigaaftamtoonni hojii magaalichaa fi kaffaltoonni gibiraa argamaniiru.

Aadde Adaanecha ergaa dabarsaniin, galiin gibiraa bara 2013 Birrii biliyoona 11 kan ture bara 2014 Birri biiliyoona 23tti guddinaa argisiisuu yaadachiisaniiru.

Galiin wayita guddatu baajatni ni guddata jedhanii, gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii hawaasaa deebisuufis ga’umsi keenya ni dabala jedhaniiru.

Ta’us ga’umsi galii walitti qabuu Finfinnee olaanaa ta’uu ragaaleen ni mul’isu jedhaniiru.

Qindoomuun akkataa galii walitti qabuu ammayyeessuu fi haqa qabeessa taasisuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojimaata diriirisuun gaggeessuu qabna jedhaniiru.

Fuulduratti, bu’uuraa taaksii bal’isuu, seeraa galii qabeenyaa ilaalchisee dhaabbatichi qophii taasisuu, kaffaltoonni gibiraa yeroodhaan akka kaffalan, seeraa kabachiisuu cimsuu fi humna namaa fi teeknooloojii cimsuun dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadan ta’uu himameera.

Sirni kaffaltii gibiraas tuttuqqaa namaarraa fagaachaa adeemuu qaba jedhanii, tuttuqqaan namaa malaanmaltummaa fi hojimaata badaaf saxila jechuu isaanii ragaan Waajjiraa Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Hoogganaan Biiroo Galiiwwanii Magaala Finfinnee Obbo Mulugeetaa Tafarraa gama isaanin, bulchiinisi magaalichaa baajataa 2014 ture Birrii Biiliyoona 70rraa gara bara 2015’f Birri biiliyoona 100.5tti guddisuu eeraniru

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.