Fana: At a Speed of Life!

Sirni Gubaa Masqalaa fi Mawulidni nagaan akka xumuramuuf qophii gahaan taasifameera-Humna Waloo

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Sirni Gubaa Masqalaa fi Ayyaanni Mawulidaa nagaan Kabajamee akka xumuramuuf qophii gahaa taasisuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii beeksise.

Humnichi waloo hordoftootaa Amantaa Kiristaanaa fi Islaamaa maraan ergaa baga ittiin iisin gahee dabarseera.

Ayyaanonni lameen akkaataa duudhaan amantaalee eeyyaamuun nagaan eegalamee akka xumuramuuf abbootii amantaa fi hawaasa nageenyaa waliin qindoomuun qophii gahaa taasisuun gara hojiitti seenuu ibseera.

Amantaa da’eeffachuun ajandaalee siyaasaa tarkaanfachiisuuf sochiiwwan taasifaman sirrii akka hintaane eeruun, sirnoota kabaja ayyaanichaan ala ergaawwan hokkara kakaasan, uffannaa akkasumas wantootaa dhuka’oo, meeshalee qaraa qabaan fa’aa qabataanii naannawaa kabaja ayyaanichaa seenuun dhorkaa ta’uu hubachiiseera.

Dhorkii kanneen darbuun sirna kabajichaa booressuuf qaamolee socho’an irratti tarkaanfii barbaachisaan kan fudhatamu ta’uu beeksiseera.

Ayyaanichii naannawaalee biyyatti hundaatti nagaan eegalee nagaan akka xumuramuuf humnichi walii qophii barbaachisaa fi gahaa taasisuu ibseera.

Hawaasni Kiristanaa fi Musiliimaa, abbootiin amantaalee, qindeessitoonni ayyaanotaa Humna Waloo Nageenyaa fi Tikaa tumsuu fi deeggarsa taasisuun gahee isaanii akka bahatan waamicha taasiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.