Fana: At a Speed of Life!

Sochiin Qonna Gannaa jajjabeessaadha-Ministeericha

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Sochiin Qonnaa Gannaa bara oomisha 2015/16 jajjabeessaa ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichi Qonnaa Gannaan lafa hektaara miiliyoona 17.4 misoomerraa oomisha kuntaala miiliyoona 513 argachuun naannolee waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuun eerameera.

Ministeera Qonnaatti Hoji Gaggeessaan Dursaa Misooma Midhaanii Obbo Isaayyaas Lammaa akka ibsanitti, Naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaa, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Afaar, Somaalee, Sidaamaa, Tigraay fi Harariitti akkasumaas Magaalaa Dirree Dhawaatti lafa hektaara miiliyoona 17 fi kuma 390 fi 818 misoomsuuf karoorfameera.

Hanga ammaatti mala aadaatiin lafti hektaarri miiliyoona 14 fi kuma 137 ol, mala ammayyaan ammoo lafti hektaarri miiliyoona 3.9 ol tiraaktaraan misoomuu himaniiru.

Walumaa galattii mala ammayyaa fi aadaan lafti hektaarri miiliyoona 18 fi kuma 98 fi 146 misoomuu dubbataniiru.

Lafa misoome keessaas hektaarri miiliyoona 16 fi kuma 578 sanyiin uwwifamuun eerameera.

Lafa sanyiin uwwifame keessaas hektaarri miiliyoona 8.2 ol kilaastaraan misoomuu fi sanyiin uwwifamuu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.