Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin Covid -19 ittisuurratti xiyyeeffate Amajjii 3 eegalee baatiwwan 6f ni gaggeeffama

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (FBC) – Sosochiin Covid -19 ittisuurratti xiyyeeffate Amajjii 3 eegalee baatiwwan 6f kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Dhimma kana ilaalchisee Ministeerri Fayyaa miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa waliin marii taasiseera.
Sosochichi kun haguuggii fuulaa dabalatee maloota ittisa dhibichaa haalaan hojiirra oolchurratti kan xiyyeeffateedha jedhame.
Sagantichi mata duree ‘akka isin tajaajilluuf haguugii afaanii fi funyaanii kaawwadhaa’ jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, wayita sosochichaa fi booda haguuggiwwan hin tajaajille hojiin walitti qabuu ni raawwatama jedhame.
Sosochichi dhaabbilee barnootaa, dhaabbilee tajaajila laatan, buufataalee konkolaataa, iddoolee gabaa, dhaabbilee amantaa fi bakkeewwan ummanni itti heddumaturratti kan xiyyeeffatu ta’uu eerrameera.
Akka EBCn gabaaseetti miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa hojii to’annoo fi hordoffii, akkasumas hubannoo laachurratti itti gaafatamummaan kan socho’an ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.