Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin ittisa Godaansa seeraan alaa sadarkaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 22, 2016 (FBC)-Sadarkaa Oromiyaatti waltajjiin sosochiin ittisa godaansa seeraan alaa gaggeeffamaa jira.

Waltajjiicharratti bulchitoonni godinaale, hoggantoonni waajjira dhimma hojjetaa fi hawaasummaa akkasumas kantiboonni magaalotaa, Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee argamanii jiru.

Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaa waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, godaansi akka addunyaatti jiraachuutus lammiileen hojiif gara biyya alaa deemanii hojjechuu barbaadan karaa seera qabeessaan akka ta’uuf hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhan.

Sochii godaansaa idileen alaan walqabatee godaansaan walqabatee rakkoolee mudatan hubachuun ittisa godaansaa rratti hojjetamuu akka qabu eeraniiru.

Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakiim Muluun gama isaaniin godaansi seeraan alaa qormaata biyyattii mudataa jiru ta’uu eeraniiru.

Godaansa seeraan ala ittisuun gahee mootummaa qofaa waan hintaaneef qaamoleen hunduu ittisuun barbaachisaa ta’uus himan.

Keessumaa godinaalee saaxilamummaan godaansa seeraan alaaf itti heddummaatu godinaalee Harargee lamaan, Arsii lamaan, Jimmaa fi Shawaa Kaabaatti xiyyeeffannaa kan barbaadan ta’uu ibsaniiru.

Ministiri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee gama isaaniitiin rakkoolee hamaa godaansa seeraan alaan gahaa jiru ittisuu irratti kutannoon dhabamuun rakkoon kun akka hammaatu taasiseera jedhan.

Lammiileen godaansa seeraan alaan biyyaa godaanan rakkoolee akka du’aatii, dararaa hamaaf waan saaxilamaniif lammiin hunduu rakkoo hamaa godaansa keessatti muudatu ittisuuf qophii ta’uu barbaachisaa eeran.

Mootummaan godaansa seeraan alaa ittisuuf kutannoon hojjetaa jiraachuu kaasanii, qaamoleen dhimmichi ilaallatus tumsuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.