Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Kibbaatti walitti bu’iinsa hidhattootaa fi qaamoolee nageenyaa gidduutti ummammeen lubbuun namoota 81 darbuu himame

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) – Sudaan Kibbaa bulchiinsa Waarpitti walitti bu’iinsa hidhattootaa fi qaamoolee nageenyaa gidduutti ummammeen lubbuun namoota 81 darbuu himame.

Walitti bu’iinsa kanaan qaamoleen nageenyaa 55 yoo du’an, lammiileen nagaa 26 galaafatamniiru.

Namoonni 31 ammoo madaa’aniiru.

Qaamooleen nageenyaa fi lammiileen nagaa miidhaan irra qaqqabe hedduun yaallamaa jiraachuu himameera.

Ka’umsi walitti bu’iinsa kanaa hanga ammaatti ifatti hin beekkamne jedhameera.

Maddi:-CGTN

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.