Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Waancaa Afrikaaf darbuu mirkaneeffatte

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC) – Sudaan Afrikaa Kibbaa 2 fi 0n injifachuun Waancaa Afrikaaf darbuu mirkaneeffateerti.
Sudaan garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Afrikaa Kibbaa /Baafanaa Baananaawwan/ dirree isheerratti injifachuun waggoota 12 booda Waancaa Afrikaa qopheessummaa Kaameeruuniin gaggeeffamuuf darbarteerti.
Waancaa Afrikaa bara 1970 kan goonfate gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Sudaan bara 1976 booda bara kana yeroo sadaffaaf waancaaf darbeera.
Ramaddii kanaan Gaanaan sadarkaa 1ffaan yoo dabartu, Sudaan sadarkaa 2ffaan darbuu ishee mirkaneeffatteerti.
Garee cimaa kan ture gareen Kubbaa Miilaa Afrikaa Kibbaa tapha waancaa Afrikaa bara kanaaf osoo hin darbin hafeera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.