Fana: At a Speed of Life!

Sudaanitti balaa lolaan lubbuun namoota 52 darbe

Finfinnee, Hagayya 10, 2014 (FBC) – Sudaanitti balaa lolaa muudateen lubbuun namoota 52 darbuu Aanga’oonni biyyattii beeksiisaniiru.
Manneen kumni 8 fi 170 ol barbada’uus ibsameera.
Kutaalee biyyattii garaagaraatti Rooba cimaa roobeen lubbuun namoota 52 fi namoota 25 irra ammoo miidhaa cimaan qaqqabuu eerameera.
Biyyattiitti balaa lolaa tibbana muudateen lafa hektaara 540 irra miidhaan cimaan qaqqabuu Dubbii Himaan Waajjira Mana Maree Ittisaa Siiviilii Biyyaalessa Sudaan Birgaadeer Abduuljaliil Abduul Raahiim ibsaniiru.
Manneen kumni 5 fi 345 guutummaatti diiggamuu fi manneen kumni 2 fi 862 ammoo gariiniin barbadaa’uu eeraniiru.
Erga waqtiin Gannaa seenee eegalee lammiilee kuma 38 irra miidhaan qaqqabuu kaasaniiru.
Bara darbe lammiileen Sudaan kumni dhibbi 3 fi kumni 14 fi 500 balaa lolaan miidhamuun isaanii ‘Global ECO’ gabaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.