Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immanii fooyyessuu keessatti gaheen qaamolee deeggartootaa murteessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015(FBC)- Bakkeewwan balaa nam-tolcheefi uumamaaf saaxilamoo ta’anitti tajaajila haadholiifi daa’immanii fooyyessuu keessatti gaheen qaamolee deeggartootaa murteessaa ta’uu ibsameera.

Yaa’ii 3ffaan Dhaabbilee Tajaajila Fayyaa Sirna Walhormaataa bakka bakka buutonni biyyoota garaagaraa argamanitti magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Ityoophiyaan waggoottan darbanitti dameewwan tajaajila fayyaa haadholii, daa’immaniifi dargaggootaa akkasumas sirna walhormaataa irratti bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu Gorsaan Ministir Deetaa Ministeera Fayyaa Piroofeesar Silashii Gaarummaan Yaa’icharratti ibsaniiru.

Ityoophiyaan tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immanii fooyyessuuf hojiilee imaammataafi tarsiimoorratti hundaa’an hojjechuun rakkicha hir’isuu eeraniiru.

Waggoottan 20 as du’aatiin haadholiifi daa’immanii %70 hir’achuu eeruun, babal’inni dhaabbilee fayyaa, waliingahiinsi tajaajilaa guddachuuniifi babal’inni tajaajila sirna wal hormaataa bu’aalee argamaniif gahee olaanaa ba’achuu ibsaniiru.

Wandwasan Araggahaanyitu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.